Waa'ee nageenyummaa eenyummeessaa

Nageenyummaa eenyummeessaa keessanii eeguu akka isin gargaaru, muuxannoowwan hunda caalaa gaarii ta’an armaan gadii akka yaadatti dhiyeessina:

  • Paaswordii cimaa toora interneetii biroo irratti irra deebi’uun hin fayyadamne fayyadamaa.
  • Mirkaneessa abbaa sadarkaa lamaa fayyadamaa.
  • Geessituu ykn koodii paaswordii irra deebiin qindeessuu gaafachuuf, iimeelii fi lakkoofsa bilbilaa gaafanna.
  • Geessituuwwan shakkisiisan of eeggadhaa akkasumas odeeffannoo seensaa keessan galchuudhan dura, twitter.com irra ta'uu keessan mirkaneessaa.
  • Maqaa fayyadamaa fi paaswordii keessan qaama sadaffaatti, keessumattuu warreen hordoftoota isinii fidna, maallaqa isiniif argamsiisna, ykn isin mirkaneessina jedhanii waada seenaniif hin kenninaa.
  • Iyyaafataa keessan dabalatee, mosajjiin kompiyuutaraa keessan haaromsoota yeroo dhihoo fi mosajjii farra vaayiirasiitin kan haaromfame ta'uu mirkaneeffadhaa.
  •  Eenyummeessaan keessan balaa irra ta'uu isaa ilaaluf mirkaneessaa.

Cimina paaswordii

Eenyummeessa X keessaniif paaswordii cimaa fi adda ta'e uumaa. Akkasumas teessoo iimeelii eenyummeessa X keessan wajjiin hidhata qabuuf paaswordii cimina wal fakkaataa qabuu fi addaa uumuu qabdu.

Wantoota godhuu qabdan:

  •  Paaswordii yoo xiqqaate qubeelee 10 dheeratu uumaa. Caalaa kan dheeratu gaariidha.
  •  Qubeelee gurguddaa, xixiqqaa, lakkoofsotaa fi mallattoolee walmakuun fayyadamaa.
  •  Toora interneetii daawwattan hundaaf paaswordii garaa garaa fayyadamaa.
  •  Paaswordii keessan iddoo nageenyummaan isaa eegame kaa'aa. Odeeffannoowwan seensaa keessan hunda karaa nageenyummaan isaa eegameen olkaa'udhaaf, mosajjii paaswordii ittiin too'attan fayyadamuu ilaalcha keessa galchaa.

Wanta gochuu hin qabne:

  •  Odeeffannoo dhuunfaa kan akka lakkofsota bilbilaa, guyyaa dhalootaa, kkf, paaswordii keessan keessatti hin fayyadaminaa.
  •  Jechoota galmee jechootaa baramoo kanneen akka “password”, “iloveyou”, kkf hin fayyadaminaa.
  •  Tartiiboota kan akka ”abcd1234”, ykn tartiibota gabatee furtuu kan akka “qwerty" hin fayyadaminaa.
  •  Paaswordiiwwan irra deddeebitanii toora interneeti hunda irratti hin fayyadaminaa. Paaswordiin eenyummeessa X keessan X dhaf adda ta'uu qaba.

Dabalataan, qindaa’inoota  eenyummeessa  keessanii keessatti Eegumsa Paaswordii irra deebiin qindeessuu filachuu ni dandeessu. Saanduqa kana yoo mirkaneessitan, geessituu paaswordii irra deebiin qindeessuu ykn koodii mirkanneessaa erguuf teessoo imeelii ykn lakoofsa bilbilaa keessan ykn yoo lachuu eenyummeessa keessan wajjiin hidhata qabatan teessoo imeelii keessanii fi itti aansuun lakkoofsa bilbilaa keessan akka galchitan ni gaafatamtu. 

Qindaa’inoota paaswordii irra deebiin qindeessuu keessan akkamitti akka argachuu dandeessan
  1. Gara baafata ijootti deemaa
  2. Qindaa’inotaa fi kophummaa tuqaa
  3. Eenyummeessa tuqaa
  4. Nageenyummaa tuqaa
  5. Eegumsa Paaswordii irra deebiin qindeessuu ibsaa
  1. Gara Qindaa’inoota Appii keessanii deema
  2. Eenyummeessa tuqaa
  3. Nageenyummaa tuqaa
  4. Eegumsa Paaswordii irra deebiin qindeessuu ibsaa
Mirkaneessa abbaa sadarkaa lamaa fayyadamaa

Mirkaneessi abbaa sadarkaa lamaa eenyummeessa keessaniif baqqaana dabalataa nageenyummaati. Paaswordii qofa amanuu irra, mirkaneessi abbaa sadarkaa lamaa, isinii fi isin qofti eenyummeessa X keessan qaqqabuu akka dandeessan mirkaneessuu gargaaruf lammata mirkannessuu dhiyeessa. Namoota paaswordii fi bilbila moobayilaa (ykn furtuu nageenyummaa) keessan qaqqaban qofatu gara eenyummeessaa keessanii seenuu danda'u.

Caalaatti hubbachuuf, barruu keenya mirkaneessa abbaa sadarkaa lamaa irratti barraa'e dubbisaa.

twitter.com irra jiraachuu keessan mirkaneessaa.

Iimeelii sobaa jechuun yeroo namni tokko yeroo baay’ee eenyummeessa keessan irraa ergaa sirrii hin taane erguu akka danda'uuf, maqaa fayyadamaa X, teessoo iimeelii yookan lakkoofsa bilbilaa fi paaswordii keessan akka kennitan isin gowwoomsuf yaalu jechuudha. Yeroo baay'ee, geessituu gara fuula seensaa soba ta'etti isin geessun isin gowwoomsuu yaalu. Yeroo paaswordii X keessan akka galchitan gaafatamtan hunda, twitter.com irra jiraachuu keessan mirkaneessudhaaf URL dagalee teessoo iyyaaffataa keessanii irra jiru dafaa ilaalaa. Dabalataan, yoo Ergaan Kallattii (hiriyaa irraayis ta'u) URL shakkisiisaa fakkaatu waliin isin gahe, geessituu sana akka hin banne isin gorsina.

Tooriiwwan interneetii iimeelii sobaa yeroo baay’ee fuula seensa X fakkaatu, garuu dhugumatti tooraa interneetii X hin taanedha. Doomenoonni X yeroo hunda https://twitter.com/ akka doomenii bu'uuratti qabu. Fakkeenyonni fuulota seensaa X kunooti:

Yoo waa'ee fuula seensaa sirritti beekuu hin dandeenye, kallattiidhan gara twitter.com deemudhaan odeeffannoowwan keessan galchaa. Yoo iimeelii sobaatin gowwomsame jettanii yaaddan, hanga dandeessanitti daftanii paaswordii keessan jijjiirudhaan barruu eenyummeessaa balaadhaf saaxilame jedhu qajeelfamoota dabalataa argachuuf daawwadhaa. 

Odeeffannoo dabalataa waa'ee karaa iimeelii sobaa gowwoomsuu argachuuf iimeelota X sobaa jedhu dubbisaa. 

Nuti paaswordii keessan gaafachuudhaf isin hin qunnamnu

X gonkumaa karaa iimeelii, Ergaa kallattii, or deebii paaswordii akka kennitan isin hin gaafatu.

Nuti gonkumaa wanta tokko akka buufattan yookan toora interneetii X hin taane akka seentan isin hin gaafannu. Gonkuma miltoo hin baninaa yookan iimeelii nu ergine of fakkeessu irraa mosajjii kamiyyuu hin fe'inaa; nuyi miti.

Yoo eenyummeessaan kessan iimeelii sobaatin gowwoomfame yookan butame jennee shakkine, namni isin jalaa bute eenyummeessaa keessan karaa hin barbaadamneen akka hin fayyadamne paaswordii keessan jijjiiruu dandeenya. Yeroo kana, geessituu paaswordii twitter.com irra deebi’uun qindeessitan isinii iimeelii goona.

Yoo paaswordii keessan irraanfattan, karaa geessituu kanaairra deebi’uun qindeessuu dandeessu.

 

Beeksisoota of eeggannoo seensaa haaraa fi shakkisiisoo

Yoo seensa shakkisiisaa agarre yookan yeroo jalqabaatif meeshaa haaraa irraa gara eenyummeessaa X keessan seentan, beeksisa ofiin ergamu  fayyadama X irratti, ykn karaa iimeelii akka baqqaana dabalataa nageenyummaa eenyummeessa keessaniitti ni ergina. Beeksisoonni of eeggannoo seensa haaraa karaa X godhamutti aane kan ergaman, iOS fi Android, X.com, fi marsariitii bilbila harkaa qofaafi.

Karaa beeksisoota of eeggannoo kanneenii, meeshicha irraa kan seene isin ta'uu keessan mirkaneessuu dandeessu. Yoo meeshicha irraa isin hin seenne, paaswordii X keessan battalumatti jijjiirudhaan eegaluun, nageenyummaa eenyummeessa keessanii eeguf sadarkaawwan beeksisicha keessa jiran hordofuu qabdu. Maaloo iddoon beeksisicha keessatti tarreeffame iddoo tilmaamaa teessoo IP isin X qaqqabuuf itti fayyadamtan irraa fudhatame akka ta'ee fi iddoo itti argamtan irraa adda ta'uu akka malu hubadhaa.

Hubachiisa: Yoo iyyaafattoota dhokatoo ta'an irraa yookan iyyaafattoota kuukiiwwan dhamsaman qaban irraa gara eenyummeessa X keessan seentan, yeroo hunda beeksisa of eeggannoo ni argattu.

Beeksisoota of eeggannoo haaromsa teessoo iimeelii

Yeroo kamiyyuu iimeelin eenyummeessa X keessan wajjiin hidhata qabu jijjiirame, beeksisa iimeelii teessoo iimeelii duraan eenyummeessa keessan irratti itti fayyadamtanitti ni ergina. Yeroo eenyummeessan keessan balaadhaf saaxilame, beeksisoonni of eeggannoo kunneen eenyummeessa keessan deebisuudhan akka too'attan tarkaanfilee akka fudhattan isin ni gargaaru.
 

Gessitoota X gubbaa madaaluu

Fayyadamtoonni hedduun, geessitoota Tiwiitota keessatti qoodudhaaf salphaa ta'an kan addaa, gabaabbatan uumudhaaf,gabaabsitoota URLkan akka bit.ly ykn TinyURL fayyadamuudhan geessitoota X irratti maxxansan. Haa ta'u malee, gabaabsitoonni URLdoomenii dhumaa uwwisuu danda'u, kunis geessituun sun garamitti akka deemu himuudhaf rakkisaa taasisu.

Iyyaaffattoonni muraasni kan akka Chrome fi Firefox, suuqamtoota bilisaa osoo irratti hin cuqaasin URLoota dheereffaman isinitti agarsiisan qabu.

Walumaagalatti, maaloo yeroo geessitoota irratti cuqaastan of-eeggannoo godhaa. Yoo geessituu tokko irratti cuqaastanii osoo hin eegin fuula kan fuula seensaa X fakkaatu irratti of agartan, maqaa fayyadamaa fi paaswordii keessan hin galchinaa. Kana irra gara X.com deemudhaan kallattiidhan fuula duraa X irraa seenaa.
 

Kompiyuutaraa fi iyyaafata keessan haasomsaa akkasumas fi vaayirasii irraa bilisa godhaa.

Iyyaafataa fi sirna dalagaa haaromsawwan yeroo dhihoo haaromsaa fi haaromsa suphaa —haaromsi suphaa yeroo baay'ee yaaddowwan nageenyummaa murtaa'aa furuuf gadhiifamu. Akkasumas kompiyuutara keessan yeroo yeroodhaan vaayirasiidhaf, mosajjii baasastotaaf akkasumas mosajjii beeksisaatif iskaanii godhuu keessan mirkaneeffadhaa.

Yoo kompiyuutara uummata fayyadamtu ta'e, yeroo xumuurtan X keessaa cuftanii bahuu keessan mirkaneeffadhaa.

Aplikeeshinoota qaama sadaffaa of-eeggannoodhan filadhaa

Aplikeeshinoonni qaama sadaffaa Hujeffannoo X irratti ijaartota alaatin ijaaraman kan isin eenyummeessa (toota) X keessaniin fayyadamuu dandeessan hedduutu jiru. Haa ta'u malee, aplikeeshinoota qaama sadaffaatif gahiinsa eenyummeessa keessanii kennuun dura of-eeggannoo godhuu qabdu.

Yoo aplikeeshinoota qaamna sadaffaatif gahiinsa eenyummeessa keessan kennitan, akkas godhuuf mala OAuth X fayyadamuudhan qofa akka ta’uu qabu isin gorsina. OAuth mala qunnamtii nageenyummaan eegamee fi maqaa fayyadamaa X fi paaswordii keessan qaama sadaffaattii kennuu barbaaduu miti. Keessumattuu, karaa Oauth eenyummeessa keessan qaqqabuuf, aplikeeshinoonni qaama sadaffaa maqaa fayyadamaa fi paaswordii keessan waan isaan barbaachisneef , yeroo maqaa fayyadamaa fi paaswordii keessan aplikeeshinii tokkoof ykn toora interneetiitif akka kennitan gaafatamtan of-eeggannoo gochuu qabdu. Yeroo maqaa fayyadamaa fi paaswordii keessan nama biraatif kennitan, eenyummeessa keessan guutumaan guututti too'atu akkasumas isin baasun cufuu fi tarkaanfiwwan eenyummeessi keessan akka cufamu taasisan fudhachuu danda'u. Waa'ee aplikeeshinoota qaama sadaffaatin walitti hidhuu yookan kaasuu baradhaa.

Aplikeeshinoota qaama sadaffaa eenyummeessa keessan yeroodhaa gara yerootti qaqqaban akka qorattan isin gorsina. Gahiinsa aplikeeshinoota isin hin beeknee ykn bakka keessan bu'anii Tiwiitii godhan kolbaa aplikeeshinoota qindaa’ina aeenyummeessa keessan keessa jiruu daawwachuudhan kaasuu dandeessu.

Barruu kana qoodaa