Seerota X

Kaayyoo X kan haasaa hawaasaa gargaaruu. Hokkorri, jeequmsi fi amalootni wal fakkaatoon namootni akka of hin ibsine gufaata ta'u, kanaanis sona haasaa hawaasa waliigalaa miidhu. Seerotni keenya namootni kamiiyyuu haasaa keessatti bilisaa fi nageenyan akka hirmaatan gochuudha.
 

Nageenyumma

Haasaa Miidhaa: Namoota sodaachisuu, jeequmsa kakaasuu, ittiin gammaduu ykn miidhaa raawwachuuf fedhii qabaachuu kee ibsuu hin dandeessu. Caalmatti bari.

Dhaabbilee miidhaa: Gochaalee miidhaa qaban dhaabbilee waliin ta'uudhaan qindeessuu ykn kakaasuu hin dandeessu. Caalmatti bari.

Miidhaa Saalaa Daa'immanii: X irratti miidhaa daa'immanii kan saalaatif obsa zeeroo qabna. Caalmatti bari.

Hokkora/Goolessa: Nama tokko irratti hokkora xiyyeeffate taasisuu hin dandeessu akkasumas namootni akkas akka godhan kakaasuus hin dandeessu. Caalmatti bari.

Amala Jibbansaa: Namoota eenyummaa sanyii, gosummaa, biyyaa irraa dhufan, hidda dhalootaa, hundeeffama saalaa, koorniyaa, eenyummaa koorniyaa, eenyummaa amantii, umrii, qaama miidhamummaa, ykn dhukkuba cimaa irratti hundaa'udhaan reebicha gochuu hin dandeessu. Caalmatti bari

Raawwattoota gochaa jeequmsaa: Heddawwan namoota dhuunfaa gochaa shororkeessummaa, fiinxaalessummaa hamaa, ykn gochaa miidhaa garee raawwatan kamiiyyuu ni balleessina akkasumas barruuwwan twiitii kan dhaadheessa ykn qabiyyee biraa kan raawwattoota gocha yakkaatiin raawwatamanii ni balleessina. Caalmatti bari

Of ajjeesuu: Of ajjeechaa ykn of miidhuu beeksisuu ykn jajjabeessuu hin dandeessu. Caalmatti bari.

Miidiyaa safeeffannaa Suursagalee kallattiidhaan darbu ykn akka porofaayila keessaniitti miidiyaa baayyee hokkoree ta'an ykn miidhaa qoodan ykn qabiyyee saalaa qaban qooduu hin dandeessu. Miidiyaan miidhaa saalaa fi/ykn hokkora kakaasan hin hayyamamani. Caalmatti bari

Meeshaaee ykn tajaajiloota seera alaa ykn too'ataman: Tajaajiloota keenya dhimma seeran alaatiif ykn gochaalee seeran alaa kamiifiyyuu itti fayyadamuu hin dandeessani. Kuni immoo meeshaalee ykn tajaajiloota seeran alaa gurguruu, bituu, ykn daddabarsa keessatti hirmaachuu ykn meeshaalee ykn tajaajiloota daanheffaman muraasa hammata. Caalmatti bari.

Iccitaa'umma

 

Odeeffannoo dhuunfa: Odeeffannoo namoota dhuunfaa iccitaa'oo (lakkoofsa bilbila manaa ykn teessoo) hayyama isaanii ifa galaa malee qooduu hin dandeessani. Akkasumas odeeffannooo dhuunfaa akka qoodan sodaachisuu ykn kanneen biroo akka akkas godhan kakaasuu hin dandeessu. Caalmatti bari.

Qullummaa hayyama malee: Hayyama nama tokkootiin ala suuraawwan ykn suursagaleewwan dhuunfaa saalaa ta'an maxxansuu ykn qooduu hin dandeessan. Caalmatti bari.

Filannaa hedda: Jechoota darbaa, fudhannaawwan, furtuuwwan, kuukiiwwan ykn daataawwan biraa fayyadamuudhaan akkaawuntiiwwan X kamiiyyuu kan keessan hin taanetti (ykn kanneen akkaataa seera Xtti ykn hayyama OAuth ykn karaa wal fakkaatadhaan kan isiniif hayyamame yoo ta'e malee) seenuu, ykn karaa kamiinuu argachuu, odeeffannoo dhuunfaa dabaluu, balleessuu ykn fooyeessuu hin dandeessani. Caalmatti bari.

Mirkaneessa


Handaara baayyisuu fi kan jeequmsaa:
Tajaajiloota X karaa artifishaalaa kan odeeffannoo baayyisuun ykn ittisuun ykn muxannoo namootni X irratti qaban amala too'annaa ykn jeequmsaa keessatti hirmaachudhaaf fayyadamuu hin dandeessu. Caalmatti bari.

Kabaja hawaasaa: Tajaajiloota X dhimma too'annaa ykn jiddugaluumsa filannoo ykn dhimmoota hawaasaa kan biraatif ittti fayyadamuu hin dandeessu. Kuni immo qabiyyee hirmaannaa ittisuu malu maxxansuu ykn qooduu ykn namoota yoom eessatti fi akkamiin gochaa hawaasaa keessatti akka hirmaatan irratti odeeffannoo dogongoraa kennuu dabalata. Caalmatti bari.

Eenyummaawwan Dogongorsiisoo fi Faallessoo: Namoota duunfaa biroo ykn gareewwan ukn dhaabbatoota of fakkeessuun namoota dogongorsiisuu ykn itti joonjessuu ykn eenyummaa sobaatiin muxannoo namoota biraa X irrattii jeequu hin dandeessu. Caalmatti bari.

Miidiyaa safeeffannaa fi too'annaa: Miidiyaa safeeffannaa hin qabne kan miidhaa geessisuu danda'u qooduu hin dandeessu. Dabalataan, barreeffamoota Twiitii kannneen miidiyaa too'annaa fi safeeffannaa qaban namootni biroo qabiyyee isaanii akka hubataniif hiikkaa galuumsaa kennuufii ni malla. Caalmatti bari.

Abbeentummaa fi hayyama daldalaa: Mirgoota abbaa qabeenyummaa namoota biroo abbeentummaa fi hayyama daldalaatis danalatee darbuu hin dandeessu. Waa'ee poolisii hayyama daldalaa fi poolisii abbeentummaa caalmaadhaan bari.

Qaama sadaffaa qabiyyee suursagalee keessatti beeksisu


Dursitanii hayyama keenya utuu hin gaafannee qabiyyee suursagalee kamiiyyuuu kan beeksisa qaama sadaffaa beeksisa suursagaa dursanii hirmaachisuu ykn ispoonsarummaa of keessaa qabu galchuu ykn maxxansuu ykn agarsiisuu hin dandeessanu.


Dirqamsiisaa fi Ol iyyannaawwan

Seerota kanneen qaxxaamuruun miidhaa inni fiduu danda'uu fi akkamiin ol iyyachuun akka danda'amu irratti
dabalataan waa'ee akkaataa dirqamsiisa keenyaa baraa.

Barruu kana qoodaa