Raawwattoota Gocha Yakkaa

Keessa Deebii

Gurraandhala 2022

Heddaawwan namoota gocha shororkeessummaa, fiinxaalessummaa rakkisaa, miidhaa waloo geessisan, akkasumas heddaawwan namoota kanneen jajjabeessan, akkasumas kanneen yaada isaanii kana bakka kuusaa qabiyyee isaanitti leellisan ni balleessina. Akkasumas barreeffamoota namoota kanneenin faffaca'an akka isaan balleeffaman ni taasisina.

Nuti X bakka namootni odeeffannoo waqtaawwaa itti argatan kan namootni itti of ibsan qabiyyee as irratti maxxanfamuun kan cinqamni itti hin dhagahamne akka ta'u feena. Shororkeessummaa booda, fiinxaaleyyee miidhaa fi miidhama waloo booda, namootni miidhamtoota jajjabeessuu akka barbaadan, rakkoo fi/ykn nama rakkkoo sana geessise sana akka balaaleffatan akkasumas rakkoowwan kunniin namootaa fi hawaasaa isaanii akkamiin akka miidhan mar'achuu akka barbaadan ni hubanna. Kanneen biroo immoo manifeestoowwan qabiyyee wal fakkaataa qaban kan morma nama rakkoo geessise sanaa ykn gadda rakkoon isaanirraan gahe ibsachuuf ykn balaaleffachuuf qooduu ni danda'u. 

Miidhaan namootni kunneen keessatti hirmaatan, akkasumas yaadotni isaan adeemsisan akkasumas karaaleen jibbaa fi alabaasii isaan raawwatan itti hinbaabasan, nageenyummaa qaamaa namoota rakkoon irratti xiyyeeffatamee, fi rakkoon wal fakkaataan gara fuulduraatti akka uumamuuf kakaafamuu mala. Waraqaalee kanneen argachuun tarii kanneen kana ilaalan irrattis miidhaa qabaachuu mala. 

Akkasumas gochaaleen miidhaa qaban namoota kanneeniin raawwatamu hawaasa irratti raawwatamu irratti miidhaa qabaachuu danda'a namootni miidhaa geessisan kunneen akka yaada isaanii hin babal'isneef daangaan irra kaa'amuu mala. Kanaanis barreeffamoota manifeestoo ykn barreeffamoota wal fakkaataa nama rakkoo geesseen wal fakkaataa qaban, qabiyyeen isaa kan miidhaa qabu tahuu baatus ni balleessina. Haa ta'uutii, qabiyyee oduu yoo ulaagaa kanneen guute hayyamuu ni dandeenya:

  • Akkamiin akka of eeganii fi xiyyeeffannaa isaanii filatan yoo kan eeran ta'e:
  • Yoo dhaadannoo jibbansaa, mallattoolee, barruuwwan fi/ykn tiyooriiwwan jibbansaa kan qoodan yoo ta'e;
  • Yaada nama rakkoo geessisee, filannoowwan malaa, fi/ykn karoora miidhaa yoo kan ibsan ta'e.

Manifeestoon maali?

Manifeestoo ibsa akkaataa namootni miidhama geessisan yaada, ilaalcha, ykn akkaataa miidhaa itti geessisan itti ibsatan jechuudhaan hiikna. Manifeestoon karaa barreeffamaatiin, maxxansa miidiyaatiin, waraabbii sagaleetiin, suursagaleetiin, geessituu alaatiin, ykn xalayaadhaan, ykn akkaataa qabiyyee addaatiin ta'uu mala. Yeroo rakkoo ykn sana boodas qoodamuu danda'a. Manifeestoon qabiyyee wajjiin karaa ibsaatiin ykn akeekkachiisaatiin wal fakkaachuu mala.

Namootni dhuunfaa gochaa shororlaa, fiinxaalessummaa ykn miidhaa waloo geessisaan maal faadha?

Miidhaawwan dhaabbilee jeequmsaa ykn miseensaota dhaabbilee akkasiitiin akka raawwataman gaafatamummaan isaanii fudhatame Imaammata Jibbansaa fi Miidhaa kana jalatti hammatamu. Seera keenya akkaataa qabiyyeetiin hojirra oolchudhaaf, namicha miseensa garee shororkeessummaa ykn dhaabbilee jibbansaa ykn miidhaa geessisanii ta'uu isaa, ykn garee, dhaabbata, ykn yaada kanaa waliin hidhata beekkamaa qabaachuu mirkaneeffachuu hin barbaadnu. 

Ce'iimsi imaammata kanaa maaloodha?

Poolisii kana jalatti, akkaawuntiiwwan namoota shororkeessummaa, fiinxaalessummaa miidhaa qabeessa, miidhaawwan waloo akkasumas akkaawuntiiwwan qabiyyee miidhaa qaban kan akka jibbansaa qabiyyee miidhaa qabu kan nama miidhaa qabu wajjiin walitti hidhata qabu qoodan ni cufna.

Akkasumas; qabiyyee armaan gadii kan fakkaatu kamiiyyuu maxxansuu hin dandeessu:

Manifeestoowwanii fi qabiyyeewwan biraa nama miidhaa geessun kalaqaman

Qabiyyee manifeestoowwan qaban akkasumas qabiyyeewwan biraa nama miidhaa geesseen ykn jaleewwan isaanitiin raawwataman ni balleessina. Miidhaan kun karaa barruu, bakkeewwanitti, fakkiiwwaniin ykn suursasagaleedhan ykn suursa kallattiitin raawwatamuu mala. Fakkeenyi qabiyyeewwan gochaa kana jalatti hammatamanii kan hammatu kanneen hammata, garuu kana qofas miti.

  • Qabiyyeen isaa waan fedhes haa ta'uu, manifeestoowwan qooduu hanga tokkos ta'u
  • Barreeffamoota manifeestoo keessaa mummuramanii bahan (kan fooyya'an) yoo kan bifa oduutiin gabaafaman ta'e malee.
    • Qabiyyeen isaa waan fedheyyuu haa ta'uu, kanneen armaan gadii qooduun dhoorkaadha: 

       

      • Baaicha, akkamiin akka of eeganii fi xiyyeeffannaa isaanii filatan yoo kan eeran ta'e:
      • Baasicha, kanneen muramanii dhaadannoowwan, mallattoowwan, barruuwwan fi/ykn tiyooriiwwan akka Great Replacement Theory of keessaa qaban.
      • Yaada nama rakkoo geessisee, filannoowwan malaa, fi/ykn karoora miidhaa yoo kan ibsan ta'e.
  • Qabiyyeewwwan nama miidhaa geessisee wajjiin wal qabatan qooduu. Kuni kanneen of keessatti qabata:

     

    • Qabiyyee nama miidhaa geesseen waraabbame
    • Barruu, maxxansa ykn mallattoo nama miidhaa qabuun tolfame ykn qoodame
    • Suuraa meeshaa miidhaa sana irratti fayyadamame
  • Qabiyyeewwan biraa kan nama miidhaa geessise sanaan qoodaman kan miidhaa geessisuu kakaasuu sana wajjiin wal qabatan.
  • Qabiyyee nama cinaa dhaabbatu kan yeroo balaan sun qaqqabu waraabbame, kan akka yeroo rukuttaan geggeeffamu ykn namni ajjeefamu, qama namaa du'e, qabiyyee eenyummaa namoota miidhamanii agarsiisu, ykn qabiyyee namni rakkoo geesse sun yeroo inni rakkoo raawwatu agarsiisu.

Qabiyyee miidiyaa, URLwwan fi hashtaagiiwwan

Qabiyyee muraasa irratti haguuggaa miidiyaa kaa'uu dandeenya. Haguuggiin kuni qabiyyichi ilaalamuu dura fakkiin ykn suursagaleen sun ergaa akeekkachiisaa akka qabaatu taasisa. Amala kana qabaachuun namootni qabiyyee kanneen ilaaluu hin feene akka of irraa dhiisan ykn yoo ilaalanis filannoo isaanitiin akka ta'uuf gargaara. Qabiyyeewwwan nuti haguuggii irra keenyu kanneeni, garuu kana qofas miti:

  • Qabiyyee nama miidhaa geessise agarsiisu 
  • Qabiyyee oduu akka manifeestoo nama miidhaa geessiseetti qoodaman.

Akkasumas URL qabiyyee kanaan wajjiin wal qabatan akka isaan tarii manifeestoo isaanii wajjiin X irratti hin qoodamneef sadarkeessuu dandeenya.

Hashtagiiwwan nama miidhaa geessise agarsiisaan eenyummaa nama miidhaa geessisee akka hin agarsiisneef akkasumas hashatagiiwwan akka manifeestootti fayyafamaniif ittisuu malla.

Imaammata kana maaltu hin cabsine?

  • Heddawwan kanaan wal qabatan
    • Nama bakka miidhaan dhihoo jirutti kalaayee ture, ykn nama miidhaa geessifame dhaabasise fkn nama namicha(oota) miidhaa geessisaa ture sana rukute.
    • Namoota miidhaa geessun shakkaman kan himatni isaanii kufaa ta'e
  • Qabiyyeewwan kanneen armaan gadii qaban:
    • Fayyadama humnaa qaama seera qabeessaa akkasumas raayyaa ittisaa, akkas hojii isaanitti miidhama sana hambisuuf hirmaatanii.
    • Miidhama humna seerawwaa ykn raawwachiistuu seeraa irratti qaqqabe;
    • Sarbama mirgoota namoomaa
    • Miidhaawwan akka qaama wal waraansaatti raawwataman
    • Miidhaa yeroo of ittisaatti qaqqabe
    • Miidhaawwan, kan miidhaa sana booda shakkii jiruun wal qabatee raawwataman
    • Rakkoowwan bakkeewwan ijoo irratti balaa geessisaniin kan wal qabatan
    • Jechoota muraasa manifeestoo keessaa filatanii, akkaataa oduuf ta'uun ykn jibbansa ykn miidhaa qaqqabe irratti hubannoon caalmaan akka jiraatu ibsuuf kan xiyyeeffate. Fakkeenyaaf: "namichi miidhaa geessisaa ture gartuu X balleessuun barbaadaa jechaa ture" qabiyyeen jedhu akkaataa poolisii kanaattu rakkoon hin qabu.

Pooliisii kun cabuu isaa eenyutu gabaasa?


Namni kamiyyuu akkaawuntii X qabaatanis qabaachuu baatanis, cabiinsa poolisii kanaa gabaasuu danda'u. 

Imaammata kana yoon cabse maaltu narra gaha? 


Adabbiin imaammata miidhaa qaqqabasiisuu keenya kana qaxxaamuruu akkaataa cimina miidhaa qaqqabee irratti hundaa'a. Akkaawuntiiwwan nama shororkeessummaa, fiinxaalessummaa, ykn miidhaa waloo qaqqabsiisaniin abboomaman guutumatti balleeffamu. Akkuma olitti ibsame, qabiyyee manifeestoowwan qaban akkasumas qabiyyeewwan biraa nama miidhaa geesseen ykn jaleewwan isaanitiin raawwataman ni balleessina. 

Dabalataan, akkasumas qabiyyee imaammata keenya kan Haasaa Jibbansaa ykn seera X kan biraadarban ni balleessina

Maddoota dabalataa


Wayee Kaneen gadii neenyaa caalatti baraa hamma filannoowwan kabachiisa seeraa keenyaa akkataa itti deeminsa keenyaas pooliisii uumuu fi kabachiisa seeraa.

 

Barruu kana qoodaa