Amala Jibbansaa

Keessa Deebi
 

Ebla 2023

Namoota eenyummaa sanyii, gosummaa, biyyaa irraa dhufan, hidda dhalootaa, hundeeffama saalaa, koorniyaa, eenyummaa koorniyaa, eenyummaa amantii, umrii, qaama miidhamummaa, ykn dhukkuba cimaa irratti hundaa'udhaan reebicha kallattii gochuu hin dandeessu. 

Ergamni X namni kamiiyyuu dandeettii yaadaa fi odeeffannoo isaa qooduu; akkasumas yaada mataa isaanii daangaa tokko malee akka ibsataniif kennuudha. Bilisaan yaada ibsachuun mirga uumamaati – namni kamiiyyuu dandeettii fi mirga kana fayyadamuu danda'a jennee amanna. Gaheen keenya haasawa hawaasaa, kaneen ilaalcha bakka bu'ummaa adda addaa qaban gargaaruudha. 

Nuti namoonni yoo X irratti rakkoon isaan qunnama ta'e, akka isaan yaada isaanii hin ibsanneef rakkoo akka ta'u ni hubanna. Qorannoon akka agarsiisutti gareen namoota muraasaa seeran ala rakkoo sarara irraa kanaan akka irratti xiyyeeffatama mul'isa. Gareewwan namootaa kanneen moggaatti dhiibamaniif, rakkoowwan kunniin yeroo hedduu kan barataman, caalatti kan hammaatanii fi miidhaa kan qabaniidha.

Nuti miidhaa jibbansaan, loogummaa fi wal danda'uu dhabaan keessattuu miidhaawwan kanneen seenaa keessatti mooggatti dhiibaman sagalee isaan dhabsiisuu irratti xiyyeeffatan ittisuu irratti cimnee hojjanna. Sababa kanaaf, amala namoota ykn gareewwan ramaddii eeggamaa isaan keessatti miseensoman irratti xiyyeeffatan ni ittisna.  

Ati waan ta'e kan imaammata kana darbu X irratti agarta taanan, maaloo nuuf gabaasa.

 

Ce'iimsi imaammata kanaa maaloodha?

Gabaasa heddwwan namoota ykn gareewwan amaloota kannee armaan gadii qaban karaa maxxansa twittarii ykn ergaa kallattiin taasifamu keessa deebinee ilaaluun tarkaanfii irratti ni fudhanna. 

Ittisa Jibbansaatif

Qabiyyee namoota dhuunfaa ykn gareewwan irratti miidhaa ykn miidhama geessisan kan ramaddiin eeggamaan xiyyeeffannoo miidhaa jalqabaa keessatti ta'e of keessaa qaban ni ittisna. Kuni kan hammatu, garuu miidiyaa ykn barruu kana ilaallu ykn mul'isa kana qofatti hin daangeffamu:

  • murruqqii, (fkn, Ajjeechaa jumlaa)
  • hudhanii ajjeesuu.

Kakaasu

Amaloota kakaasichaa kan namoota dhuunfaa ykn gareewwan ramaddiiwwan eeggamanii irratti xiyyeeffatan ni ittisna. Kuni kan hammatu:

  • sodaachisa ykn ibsawwan sodaachisaa garee eeggamaa irratti kakaasuun, miseensotni garee eeggamaa gochaalee rakkisoo kanneen seeran ala ta'an keessatti akka hirmaataniif dirqamsiisuus dabalatee, fkn, "[garee amantii] hunduu shororkeessitoota."
  • handaaricha irrattii fi aattis kanneen biroo miseensota garee eeggamaa akka roorrisaniif kakaasuun, fkn, "[garee amantii] kunniin isin caalaa beekna jechuu isanitti rakkadheera, yoo nama [mallattoo amantii] uffatu agartan, irraa fuudhaa darbaatii suuraawwan maxxansaa!"
  • namni tokko ykn gareen miseensa ramaddii eeggamaa waan ta'eef, namootni biroo dinagdee keessatti gargaarsa akka dhoorgatan fi loogii taasisan kakaasuun, fkn, "yoo kuusaa [garee amantii] dhaqxan, [maqaa masoo] sanniin gargaaraa jirtu, mallaqa keenya warra [maqaa masoo garee amantii] tiif kennuu haa dhiisnuu." Kunniin qabiyyeewwan uumamaan siyaasawoo ta'an, kanneen akka yaada siyaasaa ykn qabiyyeewwan diddaa ykn mormii of keessaa qaban hin hammatu.

Yaadachiisa: Akkaataa Haasaa Dhoorkamaatti qabiyyeen garee eeggamaa tokko irratti jeequmsa kakaasu dhoorkamaadha.

Jechamaa fi Qoccola

Waa'ee kutaa eeggamaa namni tokko akka jechaamaan, qoccoloon yookan qabiyyee biraa kan gadi isaan buusu ykn miirri gadi'aantii ykn miidhamaa akka itti dhaga'amu akka hin fayyadamne ni taasisna. Haalota akkaan deddeebii qaban, jechama deddeebiin fayyadamuu, qoccola sanyii/saalaa kan qabiyyeen isaanii nama biraa roorrisuu ykn jeequu ta'aniif, barruun sun akka badu ni gaafanna. Haala biraa, kan akka (garuu kana qofaa miti) salphaa, adda bahaa kan galuumsi namoota biroo roorrisuu ykn jeequu ta'e, akkaataa armaan gaditti caalmatti ibsameen argama maxxansichaa daangessuu dandeenya.

Namummaa Dhabsiisuu

Eenyummaa sanyii, gosummaa, biyyaa irraa dhufan, hidda dhalootaa, hundeeffama saalaa, koorniyaa, eenyummaa koorniyaa, eenyummaa amantii, umrii, qaama miidhamummaa, ykn dhukkuba cimaa irratti hundaa'udhaan jeequmsa kakaasuu ni ittisna.

Fakkeewwan Jibbansaa 

Fakkeewwan jibbansaa, asxaa, mallattoolee, ykn fakkiiwwan kaayyoon isaanii jeequmsa fi sodaachisa sanyii, amantii, miidhamummaa, haala saalaa, eenyummaa koorniyaa, ykn sabummaa/biyya irraa dhufan irratti hundaa'un kakaasuu fa'a jennee hubanna. Fakkeenyotni fakkiiwwan jibbansaa muraasni kan hammatu, garuu kana qofaamitu:

  • mallattoolee seenaa keessatti garee jibbansaa wajjiin wal qabatan, fkf, Nazi swastika
  • fakkiiwwan namootni biroo namaa gadi ta'uu agarsiisan, ykn mallattoolee jibbansaa agarsiisudhaaf jijjiiraman, fkn suuraan namaa kan bineensaa akka fakkaatu gochuu; ykn
  • fakkiiwwan mallattoo jibbansaa akka ta'aniif jijjiiraman ykn ajjeechaa jumlaa garee ramaddii eeggamaa irratti xiyyeefan, fkn, fakkiiwwan namoota dhuunfaa baajii keelloo David akka baatan, ajjeechaa jumlaan wal qabatee, gochuu.

Suursagni miidiyaa kan fakkee jibbiinsaa qabu karaa tamsaasa suursagalee kallattii, seenaa heddaa, porofaayilaa ykn suuraawwan mateetti fayyadamaman of keessaa qaban hin hayyaman. kanneen biroo hunduu akka miidiyaa shakkisiisaatti ilaalalmu. Dabalataan, fakkiii jibbansaa nama dhuunfaadhaaf erguun imaammata naamumusa jibbansaa keenya darbuudha. 

Hedda Jibbansaa

Fakkiiwwan ykn mallattoolee jibbiinsaa suuraa porofaayilaa ykn matee porofaayilaa kee irratti fayyadamuu hin dandeessu. Akkasumas maqaa fayyadamaa, maqaa agarsiisaa, ykn seenaa porofaayilaa kanneen amala jeequmsaa kanneen miidhaawwan irratti xiyyeeffatan ykn jeequmsa namoota, garee, ykn kutaa eeggamaa tokko irratti kakaasan fayyadamuus hin dandeessu.

Ani Seera X cabsuudhaaf, xiyyeeffannoo barruu kanaa ta'uu qabaa?

Maxxansaalen muraasni yoo kophaatti ilaalaman jecha jibbansaa ta'uu malu, garuu yeroo haala galuumsaa haasaa bal'aa keessatti ilaalaman ta'uu dhabuu malu. Fakkeenyaaf, miseensotni garee eeggamaa jecha akka maqaa masootti ilaalamu walii isaanitiin jechuu malu. Yoo hayyamamummaadhan ta'e, galuumsi qabiyyee kanaa miidhaa ta'uu dhabuu mala, garuu hundeen isaa seenaa keessatti namoota kanneen jechuudhaaf waan ta'eefi.  

Yeroo qabiyyee akkasii gulaallu, tarii galuumsi isaa kan jeequmsa eenyummaa eeggamaa namootaa irratti hundaa'udhaan uumuuti moo qaama haasaa bal'aatii kan jedhu ifaa ta'uu dhabuu mala. Gareen keenya akka galuumsa isaa hubatuuf, tarkaanfii fudhachuudhaaf odeeffannoo gahaa argachuu keenya mirakaneessudhaaf yeroo takka takka kallattiidhaan nama irratti xiyyeeffatame san irraa dhaga'uu feena.

Yaadadhu: nuti tarkaanfii fudhachuudhaan dirqama namootni miseensa garee eeggamaa ta'uu hin qaban. Nuti namootni miseensa garee eeggamaa kamiiyyuu ta'uu isaanii akka mirkaneessaniif ykn dhiisaniif tasuma hin gaafannu akkasumas odeeffannoo kana hin qorannu. 

Yoo imaammata kana cabsitanii argamtan hoo?

Akka armaan olitti ibsametti, amaloota namoota dhuunfaa ykn garee eeggamaa irratti jumlaadhan xiyyeefatan irratti tarkaanfi ni fudhanna. Xiyyeeffannoon karaa hedduun ta'uu mala, fkn, maqaa kaasuu, suuraa namaatis dabalatee, maqaa nama tokkoo guutuu kaasudhaan fi kkf.

Yeroo adabbii imaammata kana darbuu hojirra oolchinu, wantoota hedduu yaada keessa galchineeti, garuu waan cimina miidhaa fi galmee seenaa seerra camsuu namichichaa qofa irratti daangeffamuu miti.Kanneen armaan gadii fakkeenyota tarkaanfiiwwan imaammata kana darbuudhaan namarratti fudhatamaniiti.

  • Qabiyyeen X irratti caalmaatti akka hin mul'anneef:
    • Bu'aawwan barbaachaa keessaa barreeffama baasuu, eeruuwwan omishaa, baasichawwan, yaadachiisawwanii fi sagantaa manaa 

    • Barreeffamichi porofaayila biraatti akka hin mul'anne daangessu

    • Deebisaa keessatti barreeffamicha gadi buusu

    • Jaalannaa, deebisaa, deeddeebisaa, Qabsiisa, qoodinsa, porofaayilatti hidhu, lakkoofsa hirmaannaa hir'isuu 

    • Barreeffamichi beeksisa akka hin qabaanne taasisu

  • Barreefama ykn hedda iimeela ykn eeruuwwan omishaa keessaa hambisuu. 

  • Barruun akka kaafamuuf gaafachuu.
    • Fakkeenyaaf, nama ta'e akka qabiyyee seeran alaa akka kaasu gaafachuudhaan hanga deebisanii maxxansanitti barruu ilaaluu qofa akka danda'an taasisuu.
  • Heddawwan Imaammata Jibbansaa keenya ce'anii argaman ittusuu.

Waa'ee filannoowwan tarkaanfiinuti fudhannuu caalmaatti bari. 

Heddi nama tokkoo dogongoraan yoo kan ittifamu ta'e, ol iyyannaa galfachuu ni danda'u.

Share this article